Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti manneen jireenya waliinii xumuruun fayyadamtootaaf dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti manneen jireenya waliinii xumuruun fayyadamtootaaf dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Manneen jireenyaa kuma 80 xumuruun fayyadamtootaaf dabarsuuf liqiin boondii Birrii biiliyoona 5.4 Baankii Daldalaa Ityoophiyaaf dhiyaachuu fi manneen jireenyaa kanneen keessaa %70 xumuruu kan dandeessisu Birrii biiliyoonni 2.5 gama Ministeera Maallaqaan eeyyamamuu Sadarkaa Ittaantuu Kantiibaatti hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Manneenii magaalaa Finfinnee aadde Yaasmiin Wahaabrabbiin Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Daayrektarri olaanaan Korporeeshinii manneenii magaalichaa obbo Shimallis Taammiraat gamasaaniin manneen jireenyaa ijaarsi isaanii %87 hanga %97 irra ga’ee dhaabbate jiraachuu ibsaniiru.

Liqii Baankii Daldala Ityoophiyaarraa argamuun manneen jireenyaa kanneen xumuruun fayyadamtootaaf dabarsuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Balaay Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.