Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti madaalliin ga’umsa ogummaa Barsiisootaa fi hoggansa barnootaaf laatamuufi

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti madaalliin ga’umsa ogummaa barsiisotaa fi hoggansa barnootaa kuma 8 oliif laatamuuf ta’uu Abbaan Taayitaa Mirkaneessa Madaallii fi Ga’umsaa beeksiise.
Guyyaa har’aa barsiisoota, qindeessitootaa fi kanneen qorumsa laataniif hubannoon kennameera.
Guyyaa boruu barsiisotaa fi hoggansa barnootaa sadarkaa 1ffaa kuma 5 fi 392 ta’aniif qormaatichi kan laatamu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Abbaa Taayitaa Mirkaneessa Madaallii fi Ga’umsaa aadde Shawiit Shaankaa ibsaniiru.
Wiixata dhufu ammoo Barsiisotaa fi hoggansa barnootaa sadarkaa 2ffaa kuma 2 fi 784f qormaanni madaallii ga’umsa ogummaa kan kennamu ta’uu eeraniiru.
Waggoottan salgan darbanitti barsiisota kuma 8 fi 400 oliif madaallii ga’umsa ogummaa laatamuu dubbataniiru.
Barsiisonnii fi hoggansi barnootaa bara kana madaallii ga’umsa ogummaa fudhachuuf qophaa’an kanneen fedhii isaaniin galmaa’an ta’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.