Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti lammiileen biyya alaa noottii sobaa maxxansaa turan 2 to’annaa jala oolaan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee aanaa 3 iddoo addaa Idinaamoo jedhamuutti lammiileen biyya alaa noottii sobaa maxxansuu fi dhiqsiisaa turan 2 to’annaa jala ooluu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

Namoonni dhuunfa kunneen lammummaa Kaameeruunii fi Ayivoorikoost kan qabaniidha jedhameera.

Eeruu uummaanni Poolisiif lateen namoonni dhuunfaa kunneen to’atamaniiru.

Namoonni dhuunfa kunneen doolaraa Ameerikaa miiliyoona 1 maxxansuu fi dhiqsiisuuf nama tokkoo waliin waliigalanii saamudaa agarsiisaa osoo jiraanii hootelaa keessaatti harkaa fi harkatti to’atamaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.