Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 40 fi 638’f carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatiiwwan 9 darbanitti lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 40 fi 638 carraan hojii uumamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Baatiiwwan 9 darbanitti lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 29 fi 79’f carraa hojii uumuuf karoorfamee lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 40 fi 638 ta’aniif carraan hojii uumamuu ibsameera.

Carraan hojii uumame %92 dhaabbiin ta’uu fi %8 yeroon ta’uu eerameera.

Eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanoo fi teekinikaa fi ogummaarraa eebbifaman % 16 ta’aniif carraa hojii uumuun danda’amuu bilchiinsi magaalichaa ibseera.

Intarpiraayizoota haaraa gurmeessuun walqabatee intarpiraayizoonni kumni 3 fi 983 gurmeeffamuu eerameera.

Walitti hidhamiinsa gabaa ammayyeessuun intarpiraayizoota kuma 13 fi 108 Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 33 fi kuma 25 fi 130 walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu danda’uu ibsameera.

Agarsiisaa fi baazaariiwwan 29 qopheessuun intarpiraayizoota kuma 2 fi 785 hirmaachisuun galii Birrii miiliyoona 53 fi kuma dhibba 1 fi kuma 10 fi 225 akka argatan taasisuun danda’amuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.