Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti kurmaana 3ffaatti eeyyamni invastimantii haaraan kumni 3 ol laatame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2014 kurmaana 3ffaatti eeyyamni invastimantii haaraan kumni 3 ol laatamuu Komishiniin Invastimantii magaalichaa beeksiseera.

Komishinichi kurmaana 3ffaatti eeyyama invastimantii haaraa kuma 2 fi 698 laachuuf karoorsee eeyyamoota kuma 3 fi 5 laachuu ibseera.

Raawwichi %111 ta’uu ibsameera.

Raawwiin kun kan bara darbe yeroo walfakkataan walbira qabamee yoo ilaalamuu %8.6 caalmaa qabaachuu eerameera.

Raawwichi yaa’insa invastimantii magaalaa Finfinnee kan jajjabeessuu ta’uu ragaan Komishinicharra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.