Magaalichatti kireessitoonni ragaa guutuu kireeffattootaa galmeessuu akka qaban Poolisiin hubachiise
Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti kireessitoonni manneen jireenyaa ragaa guutuu kireeffattootaa galmeessuu akka qaban Poolisiin hubachiiseera.
Magaalichatti kireessitoonni manneen jireenyaa kamiiyyuu buufataalee fi qajeelcha Poolisii dhiyeenya isaanitti argamutti qaaman dhiyaachuun ragaa guutuu kireeffattootaa galmeessuu akka qaban Poolisiin magaalaa Finfinnee hubachiise.
Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa qajeelfamoota addaa qaamolee nageenyaa deeggaru baasuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan kireessitoonni torbee tokko keessatti ragaa guutuu eenyummaa kireeffattootaa ibsu qabachuun galmeessuu akka qban gaafateera.
Jiraattoota qajeelfamicha hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee hubachiiseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.