Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hojmaata seeraan ka’ameen alatti kiraa manaa dabaluus ta’e waliigaltee addaan kutuun dhorkaadha-Biiricha

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti labsiin kireessaa fi kireeffataa erga bahee hojmaata seeraan ka’ameen alatti daballii kiraa manaas ta’e, waliigaltee addaan kutuun dhorkaa ta’uu Biiroon Bulchiinsa Misooma Manneenii magaalichaa beeksise.

Daballii kiraa manaa seeraa qabeessa hintaanee dhiibbaa hawaasarraan qaqqabsisu tilmaama keessa galchuun labsiin To’annoo fi Bulchiinsa Manneen Jireenyaa bahuun ni yaadatama.

Bulchiinsi magaalichaas labsiicha hojiirra oolchuuf qajeelfama raawwii baasuun hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan labsichi Bitootessa 24, 2016 eegalee hojiira kan oole ta’uun, murtoo mootummaan kaa’een alatti daballii kiraa manaa taasisuu fi waliigaltee addaan kutuun dhorkaa ta’uu biirichi ibseera.

Biirichi qaamolee qajeelfamicha darbanii argamanirratti hordooffii taasisuun tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.