Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hojiin galmeessa Kaadaasteraa fi Labsii gaggeeffamuufi

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hojiin galmeessa Kaadaasteraa fi Labsii gaggeeffamuuf ta’uu Ejansiin Galmeessaa fi Mirkanneessa Lafaa magaalichaa beeksise.

Hojiin galmeessa Kaadaasteraa fi Labsii kun guyyaa har’aa eegalee hanga Qaammee 5, 2014tti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Jiraattoonni magaalichaa kana dura qabeenya lafaa isaanii Kaadasteraan hin galmeessine guyyootatti aanan 15’f Faayila isaanii akka qopheessan Daayreektarri olaanaan Ejansichaa obbo Kiflee Gabree ibsaniiru.

Hojiin galmeessa Kaadaasteraa fi labsii kun kutaa magaalaa Lammii Kuraa osoo hin dabalatiin kutaalee magaalaa 10 keessatti kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee abbaa qabeenyummaa lafaa mirkanneessuuf waggaa 10 dura hojii Kaadaasteraa eegaluun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan hojiin kun guyyaa har’aarraa eegalee hanga Qaammee 5, 2014tti Baatiwwan shaniif kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Wayita kanatti lafa dhimma seeraan qabamee fi mormiirra jiruun ala jijjiirraan maqaa raawwatamu kan hin jiraanne ta’uu obbo Kifleen ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Bara 2008 – 2011tti Qabiyyeewwan lafaa kuma dhibba 1 fi kuma 18 fi Manneen Waliin Jireenyaa kuma dhibba 1 fi kuma 61 ol Kaadaasteraan galmeessuu Itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansicha Injiinar Jamaal Hajiin dubbataniiru.

Adeemsi galmichaa amanamaa akka ta’uuf tajjabdoonni ummata keessaa filataman kan hordofan ta’uu eeraniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.