Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hanqina geejibaa furuuf awtoobisoonni 120 gara hojiitti bobba’an

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Geejibaa Magaalaa Finfinnee hanqina geejibaa furuuf awtoobisoota 120 gara hojiitti bobbaasuu beeksise.

Bulchiinsi magaalichaa hanqina geejibaa jiru waaraan furuuf awtoobisoota magaalaa 20 haala addaatin bobbaasera.

Keessattuu naannolee awtoobisiin hin jirree fi hanqinni geejibaa bal’inaan itti muul’atutti tajaajila kan laatan ta’uun ibsameera.

Awtoobisoonni 20 galgalaa fi ganama bifa addaatin iddoolee hanqinni bal’inaan muul’atutti saffisaan tajaajila ni kennu jedhame.

Awtoobisoonni kunneen hojimaata barameen ala namoota 35 teessoo qofa irratti fe’uun sarara Magganaanyaa, Piyaassaa fi Meeksiikoo irratti tajaajila eegaluun isaanii himameera.

Tajaajilli isaan laatanis namoota daandii irra dhaabbatanii eeggatan osoo hin taane haala addaatin ka’umsaa hanga ga’umsaatti saffisaan kallattiin kan hojjetan ta’uun ibsameera.

Awtoobisoonni tajaajila addaa laatan kunneen aadaa hawaasni awtoobisiitti fayyadamuu qabu kan dabalu ta’uu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.