Magaalichatti haatii tokko mana jireenyaa isaanii gurguruun raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 2 arjooman
Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti haatii tokko mana jireenyaa isaanii gurguruun raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 2 arjoomaniiru.
Aadde Boggaaleech Kabbadaa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gara adda waraanaatti duuluu isaanii callisee ilaaluu hin qabu jechuun mana jireenyaa isaanii gurguruun raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 2 arjooman.
Biyyi yoo hin jiraannee hundi hin danda’amu jechuun, jiraachuuf dursa kabaji biyyaaf ni mala kan jedhan aadde Boggaaleech, mana isaanii gurguruun raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.