Magaalichatti guyyaa boruu hiriirri gaggeeffamu hin jiru – Poolisii magaalaa Finfinnee
Finfinnee, Eebla 22, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti guyyaa hojjettootaa sababeeffachuun hiriirri gaggeeffamu kan hin jirre ta’uu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Waltajjiis ta’ee hiriirri Poolisiis ta’ee bulchiinsi magaalichaan beekkamtiin laateef kan hin jirre ta’uu ibsa baaseen himeera.
Hiriirrii fi waltajjiin beekkamtii argate waan hin jiraanneef poolisiin magaalaa Finfinnee adeemsa seeraan alaa taasifamu kamiiyyuurratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu eereera.
Hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun eeruu laachaa jiru galateeffachuun ammas tumsa taasisuu cimsee akka itti fufu waamicha taasiseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.