Magaalichatti duulli qulqullinaa guyyoota sadiif turu eegalame
Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinnee duulli qulqullinaa guyyoota sadiif turu mata duree ‘magaalaa koo nan qulqulleessa, qulqullina aadaa koon taasiisa’ jedhuun eegalameera.
Qulqullina aadaa taasisuuf kutaaleen hawaasaa karaa sirrii ta’een qooda isaa ba’uu akka qabu Sadarkaa Itti aanaa Kantibaatti hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaan ibsaniiru.
Qaamolee dhuunfaa, fi dhaabbilee qulqullina magaalaa hin eegnerratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu himuu isaanii ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.