Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti bara 2017 barattoota idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa kuma 800 ta’aniif tajaajilli nyaataa ni kennama jedhame

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti bara 2017 keessa barattoota idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa kuma 800 ta’aniif tajaajilli nyaataa kan dhiyaatu ta’uu ibsameera.
Haadholiin Waldaan Gurmaa’uun Nyaata Barattootaa qopheessanii fi qooda fudhattoota waliin mariin taasiifameera.
Bara barnootaa 2017 barattoota kuma 800 ta’aniif nyaata dhiyeessuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Daayrektarri Itti Aantuun Ejansii Nyaataa Magaalaa Finfinnee Aadde Sintaayyoo Maammoon himaniiru.
Aadde Sintaayyoon haadholiin Waldaalee 600 jalatti gurmaa’uun manneen barnootaatti hojjechaa jiran sirna nyaataa kana milkeessuuf gahee isaanii haalaan akka bahatan hubachiisuu ragaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.