Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Ayyaanonni Kataraafi Cuuphaa nagaan kabajamuu haala danda’anirratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti Ayyaanonni Kataraafi Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee haala kabajamuu danda’anirratti mariin gaggeeffamuu ibsame.

Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalichaa ayyaanota Kataraafi Cuuphaa ilaalchisee hoggantoota olaanoo manneen kiristaanaa amantaa Ortodoksiifi qaamolee dhimmamtootaa waliin marii taasiseera.

Hoggantuun Biirichaa Liidiyaa Girmaan, ayyaanonni kunneen ayyaanota dirreetti kabajaman waan ta’aniif carraa kanatti fayyadamuun humnoonni badii garaagaraa kaayyoo badiisaanii ayyaanota kanneen irratti akka hin raawwanneef qophii taasisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hawaasniifi qaamoleen dhimmamtootaa ayyaanonni kunneen nagaan, tokkummaaniifi bu’uura amantichi ajajuun akka kabajamaniif gahee isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.