Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti ayyaanni Adwaa 126ffaan nagaan kabajamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ayyaanni injifannoo Adwaa 126ffaan nagaan kabajamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun ga’ee irraa eegamu ba’achuu poolisiin magaalichaa ibseera.

Hawaasni magaalichaa ganama bariirraa kaasee bakkeewwan ayyaanichi itti kabajamutti deeggarsi taasise ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramuuf ga’ee mataasaa ba’achuu eereera.

Qaamolee nageenyaa dirqama isaanii haalaan ba’atan, dargaggoota tola ooltota hojii nageenyaa deeggaraa turanii fi jiraattota magaalichaa mara galateeffateera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.