Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Ayyaana Qilleef oomishaalee qonnaa, bu’aalee loonii fi meeshaalee biroo hawaasaaf dhiyeessuuf qophii ga’aan taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Qilleef kan oolu oomishaalee qonnaa, bu’aalee loonii fi meeshaalee biroo hawaasaaf dhiyeessuuf qophii ga’aa taasisuu Ejansiin Waldaalee Hojii Gamtaa magaalichaa beeksise.

Ayyaana Qillee sababeeffachuun qaala’iinsi gatii akka hin uumamne oomishaalee qonnaa fi indaastirii garaagaraa gatii madaallawaan hawaasa shamattootaaf dhiyeesuuf hojiin qophii duraa xumuramuu daayreektarri olaanan Ejansicha obbo Wubnahi Immiruu dubbataniiru.

Ajansichi Yuuniiyeenoota naannoo Oromiyaa fi Amaaraa waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuun Xaafii kuntaala kuma 19, Qotiyyoowwan qalmaa 180 ol, Killee miiliyoona 1 ol , Zayita liitira miiliyoona 1 ol, Dhadhaa fi baaduu kiiloo giraama kuma 3 fi 500 ol gatii madaallawwan shamattootaaf dhiyeessuu daayreektarichi himaniiru.

Kutaalee magaalaa hunda keessatti iddooleen gurgurtaa Lukkuu fi killee qophaa’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.