Magaalichatti Ayyaana Qillee sababeeffachuun lammiilee kuma 100’f maaddiin qoodameera
Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ayyaana qillee sababeeffachuun waliigalaan lammiilee kuma 100 oliif sagantaan maaddii qooduu gaggeeffameera.
Bulchiinsi magaalichaa lammiilee galii gadaanaa qaban deeggaruuf dhaabbilee tola ooltotaa qindeessuun Birrii miiliyoona 300 oliin ayyaana dhalachuu Yesuus Kiristoositti sagantaan maaddii qooduu gaggeeffameera.
Yeroo kanatti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee akka jedhanitti, Finfinneen magaalaa jaalalaa fi waldeeggaruu akka taatu cimnee hojjenna jedhaniiru.
Gama hundaan magaalattiin naga qabeettii, qulqulluu fi lammiilee deeggarsa barbaadan kan hammattu akka taatu itti fufiinsaan qaamolee tumsitootaa waliin ni hojjetti jedhan.
Hojiileen misoomaa gaggeeffaman hundatti hojiin kutaalee hawaasaa sadarkaa gadaanaa deeggaruu akka hojjetamu akeekaniiru.
Itti gaafatama hawaasummaa ba’achuuf qaamolee deeggarsa taasisan galateeffachuus ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.