Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti konkolaattoota guyyaa eeyyamameefi ala socho’anirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti konkolaattoota guyyaa eeyyamameefi ala socho’an kuma 1 fi 351 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Koomishiniin Poolisii magaalichaa beeksise.
 
Qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa damee Geejjibaan ba’e darbuun konkolaattoota koodii 2 guyyaa eeyyamameefi ala socho’anirratti tarkaanfiin fudhamuu itti gaafatamaan qajeelcha nageenya tiraafikaa Koomishinii magaalaa Finfinnee Koomaandar Hayiluu Dajaneen dubbataniiru.
 
Konkolaachisftoota dabaree ba’een ala socho’anirratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhaniiru.
 
Dabalataan konkolaattoota qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e darbuun hamma eeyyamameefi ala fe’anii fi taarifaan ala gatii dabalan 684 irratti tarkaanfiin fudhatamu Koomaadar Hayiluun ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.