Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti kan argaman qonnaan bultootaa fi fayyadamtoota qonna magaalaaf deeggarsi meeshaalee qonnaa taasifame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee magaalichaatti kan argaman qonnaan bultootaa fi fayyadamtoota qonna magaalaaf deeggarsa meeshaalee qonnaa taasisaaniiru.

Aadde Adaanach sagantaa hojii sochii qonna gannaa bara 2013/2014f kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii aanaa 11 jalqabsiisaniiru.

Sagantichaan qonnaan bultoota kutaa magaalootaa ja’aa keessaatti argmaniif tokkon tokkon isaaniif deeggarsa tirkaataraa maarashaa taasisaniiru.

Qonnaan bultoota kuma 1 fi 400 Kutaa magaaloota 6 keessaatti argamaniifis sanyii filatamaa fi xaa’oo laataniiru.

Kutaa magaloota shan qonnan bultoonni keessatti hin argamneef qonna magaalaa tumsuuf paampii bishaan maddisiisuu laataniiru.

Dabalataanis qonnan bultoota dubartoota adda duree ta’aaniif deeggarsa jenireetaraa taasisisaniiru.

Fireeywoot Saffitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.