Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Wunshan Magaalaa Hararii waliin walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Fulbaana 17, 2016 (FBC)-Magaalaan Hararii fi Chaayinaatti kan argamtu Magaalaa Wunshaan gidduutti hariiroo obbolummaa hundeessuuf mariin dandeessisu gaggeeffameera.

Marichaan Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo walta’iinsaa cimaa waggoota dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan dameewwan garaagaraan, diinagdeen, dippilomaasiin, nageenyaa fi misoomaan deeggarsa taasisuuf hojiilee hojjechaa jirtuuf galateeffataniiru.

Magaalaan Hararii hambaa Jaagoliin dabalatee bakka argama hambaalee UNESCO’tti galmaa’anii ta’uu eeruun, magaalaa nageenyaa, waldanda’uu fi waliin jireenyaa ta’uun badhaasaa fi beekkamtii idil addunyaa argachuus himaniiru.

Magaalaan Harariis Magaalaa Chaayinaa Wuunshaan waliin hariiroo obbolummaa hundeessuuf marii bu’aa qabeessaa gama marsariitiin taasisuun eerameera.

Marichaanis aadaa beeksisuuf, hambaalee fi gooda hambaalee eeguu fi kunuunsuuf, hariiroo ummataa fi ummataa cimsuuf, dameewwan daldaa fi invastimantii jabeessuurratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigateerra ga’uu dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa Magaalaa Chaayinaa Wunshaan waliin qindoominaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsuun, Magaalaan Wunshaan mootummaa naannichaa waliin hojjechuufis qophaa’ummaa qabu dinqisiifataniiru.

Aanga’oonni Magaalaa Wunshaan gama isaaniin, hariiroon ummatoota lameenii, waggoota dheeraa kan lakkoofsisee fi michummaa gaariirratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaanti Ordiin Badirii fi jilli isaaniis Magaalaa Wunshaan akka daawwataniif gaafachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.