Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Sulultaa godinaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Magaalaan Sulultaa godinaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiseera.

Bulchiinsi Magaalaa Sulultaa godinaalee hoongeen miidhamaniif nyaata beeladaa marga gogaa hidhaa 35,000 deeggarsa taasise.

Bulchiinsi magaalichaa buufata Saatalaayitii Sulultaa waliin ta’uun deeggarsicha kan taasise yoo ta’u, dargaggootni magaalatti deeggarsicha qindeessaniiru.

Deeggarsi taasifame Birrii miiliyoona 4tti tilmaamama jedhameera.

Itti gaafatamtuun waajjira kantiibaa magaalaa Sulultaa aadde Addisee Laggasaa deeggarsi jalqabame gara fuula duraattis itti fufa, lammiilee keenya hoongeen miidhaman ni deeggarra jedhan.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu Godinaalee 5 keessatti hoongeen mudachuu himuun deeggarsi qaamolee hundaa barbaachisaasadha jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana beeladoonini miiliiyoona 6.8 miidhaa hamaaf saaxilamuu kaasanii beeladoonini kuma 600 ol deeggarsa hatattamaa barbaadu jedhan.

Akka obbo Abarraan jedhanitti mootummaan Naannoo Oromiyaa birrii miiliyoona100 ol ramadee godinaalee hoongeen miidhaman kanneen deeggara jira.

Rakkoo kana waaraan furuuf proojeektota bishaanii gurguddoorratti xiyyeeffatee hojjetaa jiras jedhaniiru.

Dabalee Gaarradootu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.