Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Saqoxaa harka garee shororkeessaa jalaa bilisoomte

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Magaalaan Saqoxaa harka garee shororkeessaa jalaa bilisoomuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Humni waloo nageenyaa injifannoo boonsaa galmeessaa jiru itti fufuun magaalaa guddoo godina Waagmuraa Saqoxaa bilisoomseera.
Humnoonni waloo nageenyaa kun harcaatoota garee shororkeessaa ABUT qulqulleessaa imala gara Abargallee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibseera.
Adda waraanaa Qoobboon humna diinaa Mujjaa fi Dhummuugarra qubatee ture haxaa’uun imala isaa gara Allaamaaxaa itti fufuu ibseera.
Akkasumas Takulashin to’achuun gara Koorama imalaa jiraachuu himameera.
Ummanni Waagmuraa qaamolee nageenyaa waliin qabsoo gaggeesseen garee shororkeessaa ABUT jala bilisoomuu isaaniin mootummaan ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.