Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Harbuu Tajaajila humna elektirikaa argatte

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Magaalaan Harbuu Tajaajila Humna Elektirikaa argachuu eegalte.
Sababa weerara garee Shororkeessaa ABUTtiin adda cite kan ture Tajaajilli Humna Elektirikaa Magaalaaa Harbuutti eegaleera.
Hojii suphaa hirmaanaa olaanaan taasiifamaa tureen magaalichatti Tajaajilli Humna Elektirikaa akka jalqabu taasiifamuu Daayreektarri Humna Elektirikaa Damee Dassee obbo Habtuu Dabbabaan beeksiisaniiru.
Magaaloota Jamaa fi Warra Iluuf tajaajila Humna Elektirikaa jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalaa Harbuu dabalatee Dassee, Kombolchaa, Kamisee, Baatii, Caffaa Roobiit, Aqastaa, Mahaalsaayinti, Saayint Ajibaar, Maakooy, Albikoo, Makaanasalaam, Kalaalaa, Taantaa, Maashaa, Wagiddii fi kanneen biroo Tajaajila Humna Elektirikaa argachuu isaanii ragaan Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.