Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Hararii fi Artaan waliigaltee obbolummaa isaanii cimsu mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Magaalaan Hararii fi magaalaan Jibuutii Artaan waliigaltee obbolummaa isaanii cimsu mallatteessan.

Jilli hoggansa olaanoo naannoo Hararii preezdaantii naannichaa obbo Ordiin Badriin duurfame naannoo Artaa daawwateera.

Turmaata isaanitiinis bulchaa naannichaa Mahaammad Shahoo waliin mari’ataniiru.

Hariiroo obbolummaa magaalaa Hararii fi Artaa gama diinagdee, hawaasummaa fi aadaatiin guddisuuf waliigalaniiru.

Jilichi ministira Ministeera Dhimma Biyya Keessaa Jibuutii Moomiinaa Ahimad argachuun dubbisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.