Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Faasiil Waancaa Priimayer Liigii bara 2013 fudhate

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaan Priimeyar Liigii Ityoophiyaa bara 2013 magaalaan Faasiil har’a magaalaa Hawaasaatti Waancaa fudhateera.
Taphoota Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 25ffaa har’a gaggeeffameen Magaalaan Faasiilii fi Hawaasaan 1qixa xummuraniiru.
Magaalaan Hawaasaa taphoota 23 hanga ammaatti taphateen qabxii 32 walitti qabachuun sadarkaa 8ffaarratti argama.
Magaalaan Faasiin ammo taphoota 23 hanga ammaatti taphateen qabxii 53 walitti qabachuun Shaampiyoonaa Priimeyar Liigii Ityoophiyaa bara 2013 ta’eera.
Magaalaan Hawaasaa taphoota 23 hanga ammaatti taphateen qabxii 32 walitti qabachuun sadarkaa 8ffaarratti argama.
Magaalaan Walqixxee, Bunni Sidaamaa fi Dirree Dawaan kilaboota hanga ammaatti sodaa gara liigii olaanoo biyyaalessatti gadi bu’uu keessa jiraniidha.
Magaalaan Walqixxee ammoo taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 22 qofa walitti qabachuun kilaba caalmaatti sodaa bu’uu qabuudha.
Maddi:- Soccer Ethiopia
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.