Magaalaan Asallaa meeshaalee barnootaa Birrii kuma 700 fi kuma 50 ol deeggarsa taasise
Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Asallaa meeshaalee barnootaa Birrii kuma dhibba 7 fi kuma 50 oliin bite barattoota maatii harka qalleeyyii ta’aaniif deeggarsa taasisuu ibsameera.
Sagantaa deeggarsaa kanaanis barattoonni maatii harka qalleeyyii kumni 5 fi 155 meeshaalee barnootaa guutuu fudhataniiru.
Barattoonni meeshaalee barnootaa kana fudhatan kunneen duraan sababa nama isaan barsiisu hin qabneef waggoottaniif barnoota addaan kutanii turuu himameera.
Bulchiinsa magaalichaatti ji’oottan gannaa darbe sagantaa “an barataa tokkoof”jedhuun mallaqni nama dhuunfaarraa kaasee hanga abbootii qabeenyaatti walitti qabamaa ture.
Barattoota maatii harka qalleeyyii ta’an kuma 3 fi 327’f meeshaalee barnootaa bitameefii gara mana barnootaatti deebisuuf karoorfatamee ,karoora ol barattoota kuma 5 fi 155’f guyyaa har’aa deeggarsichi taasifamuufii itti gaafatamtuun waajjira dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Magaalaa Asallaa Aadde Gannoo Irreessoo ibsaniiru.
Kantiibaan magaalichaa Obbo Gabree Urgeessoo gama isaaniitiin, lammiin Umriin isaa Barnootaaf gahe kamuu barachuu waan qabuuf sagantaa deeggarsaa kana taasisuu ibsaniiru.
Barattoonni deeggarsi taasifameef gammaduu isaanii ibsaniiru.
Jamaal Gandootu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.