Magaalaa Walqixxeetti Sagantaan Afxiraa gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) –Naannoo Giddugalessa Itiyoophiyaa Magaalaa Walqixxeetti Sagantaan Afxiraa bakka Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daayiqoon Daani’eel Kibrat argamanitti gaaggeeffameera.
Saganticharratti Daayiqoon Daani’eel Kibrat dabalatee Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Dillaamoo Otooree fi qondaaltonni olaanoo naannichaa biroon argamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.