Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Walaayittaa Sooddootti waltajjiin marii hawaasaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Walaayittaa Sooddootti waltajjiin marii hawaasa mata dure “Hirkaatummaarra gara oomishtummaa Birmadummaa fi kabajaa biyyaaf“ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjicharratti Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa fi Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Elemaa Abubakar fi Hooggantoonni olaanoo naannichaa fi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Waltajjichaan qabeenya kuufamaa naannicha keessa jiru fayyadamuun hawaasa hirkatummaa jala bahee horachuuf kan kayyeeffate ta’uun ibsameera.

Fiqirtee Kabbaadatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.