Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sulultaatti zayinni nyaata liitirri kumni 20 to’annaa jala oole

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Magaalaa Sulultaatti zayinni nyaata liitirri kumni 20 to’annaa jala ooleera.

Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti guyyaa har’aa sakatta’iinsa koreen tasgabbii gabaa taasiseen manneen daldalaa 4 keessatti meeshaalee garagaraa fi zayita nyaataa liitira kuma 20 ta’u dabalatee seeraan ala kuufamee jiru to’atameera.

Magaalichatti tarkaanfileen daldala seeraan alaaarratti fudhatamaa jiru kan itti fufee jiru ta’us, zayinni nyaataa to’atame kun gatii duraaniin ummatatti akka gurguramu taasifameera.

Godinaaleefi magaalota hundattis koreen hojii sakatta’iinsaarratti bobba’ee jiru haaluma jalqabameen karaa ummata hirmaachiseen cimsee kan itti fufu ta’a.

Daldaltoonni tokko tokko meeshaalee nyaataa akka zayitaaf i ijaarsaa mana jireenyaa isaanii keessattis dabalatee kuusanii dhoksaa waan jiraniif, ummanni eeruu kennuun tumsa barbaachisu akka taasisuu qabu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.