Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sulultaatti Qonna magaalaa bara 2014/15 eegale

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloon durfamu Qonna Gannaa bara kanaa magaalaa Sulultaatti eegalchiiseera.
Jillichi misooma Qonna Magaalaa Sulultaa erga daawwatee booda bakka hoggantoonni nannoo fi magaalaa argamanitti hojii Qonna Magaalaa eegalchiiseera.
Kantiibaan magaalaa Sulultaa Aadde Liidiyaa Caalii qonnaan bultoonni magaalaa eeggattummaa jalaa ba’uun boroo isaaniitti oomishaa oomishuun jireenya isaanii foyyeeffachuu qabu jedhaaniru.
Akka magaalaa Sulultaattis hojiileen fakkeenya qaban hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniru.
Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloo gama isaanitiin torbaan jalqabbii qonna magaalaa labsamuu himaniiru.
Kaayyoon guddaan qonna magaalaa waabii nyaataa mirkaneessuu, nyaata madaalawaa argachuu fi rakkoo qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf ta’uu dubbataniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.