Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Sagantaa nyaataa Barataan Inisheetiviin addaa nyaata Aannanii fi killee eegale

Finfinnee,Mudde 3, 2017 (FMC) – Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Sagantaa nyaata Barataan Inisheetivii nyaata addaa Aannanii fi killee eegaluu ibsame.

Inisheetivii nyaata addaa Aannanii fi killee eegaluu kun daa’immaan Manneen Barnoota Bu’uura Boruu Faccee fi kataboo keessatti barachaa jiran 800 fayyadamoo ta’uu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Akka magaalichaatti Manneen Barnoota Bu’uura Boruu 658, sadarkaa 1ffaa 443 fi sadarkaa 2ffaa 57 waliigalatti Manneen Barnootaa kuma 1 fi158 ta’an keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu gaggeeffamaa jira.

Manneen barnootaa kana keessatti Barattoonni kumni 300 fi kumni 74 fi 844 barnoota isaanii hordofaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamu Manneen Barnoota Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee keessatti argaman daawwachuun Inisheetiivii nyaata addaa kana eegalchiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.