Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Piroojektoonni Bu’uuraalee Misoomaa garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Piroojektoonni bu’uuraalee misoomaa garaagaraa ijaaramaa turan xumuramuun eebbifamaniiru.
Haaluma kanaan Bulchiinsa magaalicha Kutaa magaalaa Sabbatatti Manni Murtii Birrii miiliyoona 103 ‘n ijaarame eebbifamun tajaajilaaf banameera.
Dabalataanis Piroojektiwwan Birrii miiliyoona 58’n ijaaramaa turan xumuramuun eebbifamaniiru.
Saganticharratti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi qondaaltoonni Olaanoo magaalichaa biroon argamuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.