Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Paarkiin Magariisummaa hojjetamaa jiru daawwatame

Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Magaalaa Shaggaritti paarkiin magariisummaa hirmaannaa abbootii qabeenyaan hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalichaa ibse.

Ifatti hundeeffamuu Magaalaa Shagar ilaalchisuun sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamaa jiru.

Sagantaa daawwannaa Paarkii magaariisaa Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti gaggeeffamerratti Kantiibaan Magaalattii Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Paarkiin magariisa hirmaannaa abbootii qabeenyaatiin hojjetamu cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa kunneen fakkeenya ta’uu eeruun, gara kutaalee magaalaattii birootti babal’achuu qaba jedhan Dooktar Tashoomaan.

Magaalaa miidhagduu taate keessa jiraachuuf harka mootummaa eeguurraa abbootiin qabeenyaa hojiilee hojjechaa jiraaniif galateeffataniiru.

Tasfaayee Ijjiguu fi Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.