Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Guyyaan Ce’umsaa sagantaalee garaagaraan kabajame

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Guyyaan Ce’umsaa Qaammeen 1, mata duree “Hambaa Cehumsaa, Horata Ifa Haaraaf!” jedhuun Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Haaluma kanaan Magaalattii Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti oyiruu qonnaan bultootaa daawwachuun kabajameera.

Mootummaan seenaa hiyyummaa barootaaf ture hambisuun biyyattii gara badhaadhinaatti ceesisuuf inisheetiiviiwwan misoomaa bocuun hojiirra oolchuun jijjiiramoonni heduun galmaa’uun ibsameera.

Tarkaanfii haaraa gama kanaan fudhatameenis Qamadii alaa galchuu seenaa taasisuun al-ergiif oolchuu irratti injifannoon galmaa’uun ibsameera.

Daawwannaa taasifames cehumsa dinagdeen, gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti taasifamaa jiru daran kan itti fufsiisuudha jedhameera.

Sagantaa kanarrattis, hoggansa, qeerroo fi qarreewwan, hojjettootni mootummaa fi abbootiin qabeenyaa argamuu ragaan kominiikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.