Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti duulli Itiyoophiyaa Qulqulluu eegalame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti duulli Itiyoophiyaa Qulqulluu eegalameera.

Jiraattoonni kutaa magaalichaa duulaan balfa qulqulleessuun sosochichatti makamaniiru.

Sosochichi mata duree “keessa keenya jibbarraa, biyya keenya balfarraa haa qulqulleessinu, naannoo keenya qulqulleessuun faalama irraa bilisa haa goonu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Duula balfa qulqulleessuu kanarratti hoggantoota bulchiinsa magaalichaa dabalatee, jiraattonni hirmaachaa jiru.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.