Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti ayyaana bara haaraa sababeeffachuun jiraattoota harka qalleeyyiif deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC) –Magaalaa Shaggaritti Qaammee 4, Guyyaa Daneessummaa fi jala bultii ayyaana bara haaraa sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii 750’f deeggarsi taasiifameera.
Sadarkaa Magaalaa Shaggaritti kutaa magaalaa Koyyee Facheetti namoota harka qalleeyyiif deeggarsi adda addaa taasifameera.
Bulchaan kutaa magaalaa Koyyee Fachee Obbo Fiqaaduu Tulluun, Meeshaaleen nyaataafi qulqullina namoota harka qalleeyyii 750fi Manneen jreenyaa harka qalleeyyii 80’f kennamuu himaniiru.
Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii deeggaruun duudhaa obbolummaafi jaalalaa agarsiisuu ta’uu Itti gaafatamaan Damee Siyaasa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Shaggar Obbo Gammachiis Tamasgeen eeraniiru.
Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan Manneen jireenyaa kanneenii fi deeggarsa kana kennuu ragaan Komikeeshinii magaalaa Shaggarirraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.