Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamanneetti mariin hawaasaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti mariin hawaasaa dhaadannoo ”Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti birmadummaa fi kabaja biyyaalessaatiif” jedhuun gaggeefama jira.

Maricharratti hawaasni godinaalee Arsii Lixaa, Boorana Bahaa, Gujii Lixaa fi Baalee Bahaa hirmaachaa jiraahuun ibsameera.

Pireezidantii Itti Aanaan Naannoo Amaaraa Dooktar Abduu Huseen haasawaa taasisaniin mootummaan carraawwan diinagdee hundaa fayyadamuun badhaadhina maatii galmaan gahuuf xiyyeefannoon hojjataa jira jedhan.

Guddina diinagdee barbaadamu galmeessuun kadhaa fi deeggarsa jalaa bahuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.

Misoomni gaggeeffaamaa jirus fayyadamummaa hawaasaa cimsuun kadhaa fi deeggarsa jala hawaasa baasuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu eeran.

Jijjiirama barbaadame bira gahuuf hawaasni oomishaa fi oomishtummaa dabaluun, qabeenya qabu sirnaan kunuunsuun, kutannoon hojjachuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Maricharratti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu, Bulchoota Godinaalee dabalatee fi hooggantoonni garagaraa argamaniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.