Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamannee fi Jimmaatti kenni tajaajila lammummaa Gannaa eegalame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC) – Hoggantuun Liigii Dubartoota Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaan Tajaajila lammummaa Gannaa Magaalaa Shaashamanneetti eegalchiisan.

Magaalichatti tajaajila lammummaan lammiilee harka qalleeyyiif mana 90 ta’an ijaaruuf har’a hojiin ijaarsaa Kutaa magaalaa Allacheetti eegalaara.

Akka magaalaa Shaashamanneetti hojiiwwan adda addaa 41 kenna tajaajila lammummaan hojjechuuf har’a ifatti eegalamuu Itti Gaafatamaan Paartii badhaadhinna magaalaa shaashamannee Obbo Amansiis Addunyaan himaniiru.

Gama biraatiin Liigiin Dubartoota Oromiyaa hojii tajaajila lammummaa dangaa ce’aan Naannoo Sidaamaatiif deeggarsa garaagaraa taasiseera.

Hooggantuun Liigichaa Aadde Saamiyaa Abdallaa deeggarsi taasifame obbolummaa fi tokkummaa kan cimsuudha jedhan.

deeggarsi taasifames barruulee barnootaa, qalamaa, zayitaa fi qorqoorroo waliigalaan Birrii miiliyoona 1.2tti tlmaamamu ta’uun eerameera.

Hooggantuun Liigii Dubartoota Naannoo Sidaamaa Aadde Zawudituu Zallaqaan deeggarsa taasifameefis galateeffataniiru.

Magaalaa Jimmaattis sagantaan tola ooltummaa hojii arjooma garagaraan eegaleera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa, hojiin tola ooltummaa rakkoo hawaasummaafi dinagdee hiikaa jiraachuu dubbataniiru.

Waqtii gannaa kanas hojiin tola ooltummaa kun cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Jibriil Huseenii fi Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.