Magaalaa Shaashamannee fi Godina Arsii Lixaatti qaama midhamtootaaf meeshaaleen hiirkoo qaama 200 ol laatame
Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsa Daa’imman Qaama Miidhamtoota Kennaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee fi Godina Arsii Lixaatti qaama midhamtootaaf meeshaalee hiirkoo qaama 200 ol Birrii miliiyoonaa lamaa olitti tilmaamamu gumaacheera.
Dhaabbatichi dhaabbata tola oolaa biyyaa Ameerikaatti argamuu fi lammiilee Ityoophiyaa Ameerikaatti argaman waliin ta’uun meeshaalee wiilchaari fi kiraanchii gumaachuu Pireezidaantiin dhaabbatichaa Aaddee Haliimaa Loloo himaniiru.
Dhaabbatichi hundeeffama isaa waggaa tokko hin gunne keessatti meeshaalee gosoota garaagaraa 16 ta’u qaama miidhamtoota 2000 caalaniif gumaacha taasiisuu dubbataniiru.
Dhaabbatichi gara fuula duraatti jiddu gala Daa’immaan Qaama Midhamtootaa hundeessuuf hojjataa jiraachuu Aadde Haliimaa Loloo ibsaniiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
#Oromiyaa #Oromia #Ityoophiyaa #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.