Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaakkisootti motorsaayikiloonni 17 mana nama dhuunfaa keessaatti kuufamanii turan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisootti motorsaayikiloonni 17 Birrii miliyoona 1 olitti tilmaamaman mana nama dhuunfaa keessaatti walitti qabamanii turan to’atamuu Waajjirri Poolisii Magaalichaa beeksiseera.

Jiraattoonni magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun dhimma nageenyaarratti waliin hojjechaa jiraniin bu’aan argamaa jira.

Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisootti motorsaayikiloonni 17 Birrii Miliyoona 1 olitti tilmaamaman mana nama dhuunfaa keessaatti walitti qabamanii turan eeruu uummanni kenneen to’atamuu isaa Waajjirra Poolisii Magaalaa Shaakkisootti Itti Gaafatamaan Diiviizhinii Nageenya Naannoo  Saajiin Gannanaa Jaarsoo himaniiru.

Dabalataanis namni dhuunfaa Birrii Sobaan nama gowwoomsuun sangoota 4 ittiin bitee utuu inni gara Magaalaa Adaamaatti geejjibuuf jedhuu eeruu Uummanni kenneen to’atamuu isaa Saajiin Gannanaan ibsaniiru.

Akka OBN gabaaseetti gama biraan jiraattoonni Magaalaa Shaakkisoo Leenjii Gaachana Sirnaan fudhataniin qaamolee nageenyaa waliin ta’uun seensa Magaalaa fi Magaalaa keessa sakata’iinsa gaggeessaa jiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.