Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti meeshaaleen waraanaa adda addaa to’atame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Meeshaaleen waraanaa adda addaa seeraan ala Bosona Gaambeellaa ka’uun Magaalaa Finfinnee seenuuf ture Keellaa Diimaatti to’atamuu ibsameera.
Kilaashii Dachaatuun 35, Kilaashiin abbaa Sadafii 10, Kaartaa 46, shugguxiiwwan gosti adda addaa 3, Rasaasa shugguxii adda addaa 432 to’atamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Meeshaalee kanneen waliin shakkamtoonni lama to’atamuu Qajeelcha poolisii magaalaa Sabbataattii itti aanaa nageenya naannoo mirkaneessuu inispeektara Olaanaa Daani’eel H/ Mariyaam ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.