Magaalaa Roobeetti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe
Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) –Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti balaa tiraafikaa guyyaa har’aa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbuu ibsame.
Konkolaataan deddeebisa Uummataa aanaa Sinaanaa Ganda Hisuu irraa imaltoota fe’ee gara Magaalaa Roobee deema ture Konkolaataa SiinooTiraakii Magaalaa Roobee irraa gara aanaa Gooroo imalaa tureen walitti bu’uun balaa mudateen lubbuun namoota 5 yoo darbu, namoota 23 irra miidhaan qaama cimaa fi salphaa qaqqabuu eerameera.
Balaan kun kutaa magaalaa Addooshee walashee ganda Handhuura Roobee iddoo addaa naannoo Harnaa jedhamutti mudachuu Itti Gaafatamaan kutaa qorannoo yakkaa waajjira poolisii kutaa magaalaa Addooshee walashee Inispektar Booraa Amaan ibsuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia