Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Naqamteetti balaa ibiddaan lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) Magaalaa Naqamtee naannoo Keejaamoo jedhamutti balaa ibiddaa mana jireenyaa keessatti mudateen lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 2 irra ammoo miidhaa cimaan qaqqabuu ibsame.
 
Balaan ibiddaa kun guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 8:30tti mudachuu Waajjira Poolisii magaalichaatti itti gaafatamaan qorannoo yakkaa itti aanaan Inispeektaraa Maarqoos Waaggaarii Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Ka’umsi balaa kanaa elektirikaa fi Beenzila mana keessa ture ta’uu danda’a jedhamee tilmaamama jedhan.
 
Balaa kanaan lubbuun dhiiraa tokkoo fi durbartii tokkoo batalumatti darbuu himuun, hirmaannaa jiraattoonni naannichaa taasisaniin lubbuun namoota lamaa baraarrameera jedhan itti aanaa Inispeektar Maarqoos.
 
Namoonni miidhaan irra qaqqabes Hospitaala Naqamteetti yaallamaa jiru jedhan.
 
Torbee darbes Wallagga Bahaa aanaa siree magaalaa Sireetti balaa ibiddaa mudateen namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabuu yaadachiisaniiru.
 
Hawaasni wantoota balaa ibiddaaf sababa ta’an mana jireenyaa keessa kaa’urraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Kennasaa Amanteetu gabaase.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.