Magaalaa Maqaleetti maallaqni sobaa kumni dhibbi 5 fi kumni 70 to’atame
Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) –Magaalaa Maqaleetti Maallaqni sobaa fakkeeffamee hojjetamuun hawaasa keessatti raabsamuuf qophiirra ture kumni dhibbi 5 fi kumini 70 to’annoo jala ooluu ibsameera.
Gareen ergamtoota ABUT Maallaqa sobaa hawaasaa keessatti raabsuun diinagdee biyyattii miidhuuf hojjechaa jiraachuu Izzii Kaabaatti itti gaafatamaan qajeelcha duulaa Kolooneel Kaasaa Malaakuun ibsaniiru.
Tibbana hordoffii Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenya federaalaa taasiisaniin magaalaa Maqaleetti gareen ABUT karaa seeraan alaa maallaqa maxxansaa turan to’atamuu ibsaniiru.
Qaamoleen kunneen Birrii Ityoophiyaa, kan Eertiriyaa fi biyyoota garaagaraa maxxansuun diinagdee biyyatti miidhamuuf hojjechaa turuu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.