Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti namoonni dhuunfaa karaa seeraan alaa lakkooftuu elektrikaa galchan to’ataman

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti namoonni dhuunfaa karaa seeraan alaa lakkooftuu elektrikaa galchan to’ataman.

Hojii qindaa’aa Tajaajilli Humna Elektirikaa Naannoo Oromiyaa fi Qajeelchi Poolisii magaalichaa hojjetaniin lakkooftuun elektrikaa 70 fi namoonni yakkicha duukaa hidhata qaban 15 to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Magaalichatti utubaawwan dabaltee haadawwanii fi lakkooftuuwwan elektirikaa namoota hin beekamneen galchamaa jiraachuu ibsameera.

Haadni elektirikaa abbummaan isaa Tajaajila Elektirikaa  Ityoophiyaa ta’e mana nama dhuunfaa keessatti argamuu himameera.

Namoonni hojii seraan alaa kanarratti bobba’an namoota lakkooftuu elektrikaa galchaniif irraa Birrii kuma 20 hanga kuma 35 fudhachuu eerameera.

Namoota to’annoo jala oolan dabalatee namoota biroo gochicharratti hirmaatan irratti tarkaanfiin seeraa akka  fudhatamuuf Tajaajila Humna Elektirikaa naannichaa fi hawaasa waliin ta’uun kan hojjetamu ta’uu ajajaan Qajeelcha Poolisii magaalichaa Koomaandar Warquu Badhaanee ibsuu ragaan Tajaajila Elektrikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Humna Elektrikaa Oromiyaatti hogganaan kutaa seeraa damee naannawaa Finfinnee obbo Yehuwaalaashat Abrahaam gamasaaniin, qaamolee hojjettoota dhaabbatichaa fakkaachuun tajaajila ni kennina jedhan ittisuuf qaamoleen nageenyaa, qaamoleen mootummaa sadarkaan jiranii fi hawaasni ga’eesaa ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.