Magaalaa Kaalifoorniyaatti lammilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Doolaarri miiliyoona 1 ol walitti qabame
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC) – Ameerikaa Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Kaalifoorniyaatti lammilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif baatiiwwan 4 keessatti deeggarsi Doolaara miiliyoona 1fi kuma dhibba 4 walitti qabamuu ibsame.
Fuuldurattis magaalota Ameerikaa garaagaraa keessatti deeggarsi walitti qabamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Guyyaa kaleessaa kutaa bulchiinsa magaalaa Kaalifoorniyaa magaalaa Saan Hoozitti lammiilee sababa waraanaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Doolaarri kuma dhibba 3 walitti qabamuu eerameera.
Sirna deeggarsa walitti qabuu kanarratti Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaa fi keessumoota waamichi taasifameef dabalatee namoonni 400 hirmachuu ibsameera.
Maddi :- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.