Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti sagantaan ekisteenshinii fayyaa dhaloota 2ffaan eegale

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti argamuun sagantaa ekisteenshinii fayyaa dhaloota 2ffaan akka biyyoolessaatti eegalchiisaniiru.

Sagantaan ekisteenshinii fayyaa dhaloota 2ffaa, dahumsa dabalatee tajaajila fayyaa bu’uuraa hawaasaaf kennuu kan dandandeessisuudha.

Sagantaan eekisteenshiinii fayyaa waggoottan 16n darbaniifi hojiirra oolaa ture, bu’aa gama fayyaatiin akka biyyaatti argame keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa Doooktar Liyaan dubbataniiru.

Itti aanaa hoggnaa Biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaa obbo Kushaa Balakoo, sagantaa ekisteenshinii fayyaa aanoleen 18 raawwii boonsaa galmeessisuusaanii dubbataniiru.

Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroo sagantaan ekisteeshiinii fayyaa duraan hojiirra oolaa tureefi ittisa dhibee irratti xiyyeeffate bu’aa qabatamaa argamuusaa eeruun yeroo ammaas kellaan ekisteenshinii fayyaa dhaloota 2ffaa 13 godichatti ijaaramaa jiraachuu dubbataniiru.

Sirnicharratti kan argaman Itti gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa sirna Diimookiraasii Waajjira Muummee Ministiraa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, ummata aanaa Saqqaa Coqorsaa kellaa fayyaa dhaloota 2ffaa akka biyyaatti dursanii waan xumuraniif baga gammaddan jedhaniiru.

Muuktar Xahaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.