Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti Qamadiin Jallisii Boneen faca’e Kombaayinaaraan sassabbamaa jira

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Qamadiin lafa hektaara 400 irratti faca’ee ture kombaayinaraan deggaramuun sassaabamaa jiraachuu ibsame.
Bulchiinsa magaalichaatti qonna magaalaatiin bara kana lafti hektaarrii 400 ol jallisii bonaatiin kan misoome yoo ta’u, yeroo ammaa sassaabbamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Qonna magaalaa Jimmaa obbo Jabal Abbaa Fiixaa ibsaniiru.
Qonni magaalaa erga eegalee deeggarsa qaamoolee adda addaatiin akka cimee itti fufuuf hojiin hojjetamaa jiruu olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsa giddu gala qorannoo Maandisa qonnaa Oromiyaa damee Jimmaatiin kombaayinara argameen sassaabbiin qamadii gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Abdurehmaan Mahammaditu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.