Magaalaa Jimmaatti mariin nageenyaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Mariin nageenyaa haala yeroorratti xiyyeeffatu Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa, Af yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Saadaa Abduramaani fi Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Itti gaafatamaan Damee ijaarsaa Dooktar Sammaa Xurunaa maricharratti argamaniiru.
Akkasumas abbootiin gadaa, abbootiin amantaa, kutaaleen hawaasaa Aanaalee Godina Jimmaarraa walitti babbaa’an maricharratti hirmaachaa jiru.
Dassaalany Abarraatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.