Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti dhalattoota naannoo Tigraay waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 11, 2013 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa naannoo Tigraay dhalattoota Tigraay Magaalaa Jimmaa keessa jiraatan waliin haala yeroo irratti mari’atan.
Gareen finxaaleyyii ABUT ummataa Tigraayii fi Ityoophiyaa miidhaa turuu maricharratti ibsameera.
Garichi biyya diiguuf boolla qotaa turetti ofii isaaf galeera jedhan hirmaattooni marichaa.
Haleellaan gara jabinaa gareen ABUT raayyaa ittisaarratti raawwate daraan qaanessaa ta’uu dubbataniiru.
Ummanni Tigraay ummattoota Ityoophiyaa waliin birmadummaa biyyaa eegaa kan ture ta’uu ibsameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Tigraay obbo Nabiyyuu Sihuul ABUT ummata Tigraayiin daldalaa ture malee ummaticha hin fayyadne jedhan.
Garichi miseensota maatii paartichaaf malee ummata bal’aa Tigraayiif kan hin dhaabbane ta’uu kaasaniiru.
Gareen ABUT fi ummanni naannicha tokko akka hin taane duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffame keessatti muul’ateera jedhan hogganaa olaanaan paarichaa obbo Hagos Walda Kidaan.
Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay ummata naannichaa kutaalee biyyattii keessa jiraatan waliin marii taasiisa jiraachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.